Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa maqaa namootaa kuma 5 fi 166 karaa seeraan alaa maallaqa baankichaa fudhachuun hindeebisnee ifoomse

Finfinnee, Bitootessa 18, 2016 (FBC) – Rakkoo Siistamaa Baankicha Bitootessa 6, 20216 muudate fayyadamuun kanneen Maallaqa isaaniif hin malle fudhatanii hanga ammaatti hin deebifneef Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa akeekkachiisa dhumaa waliin maqaa isaanii ifoomseera.

Baankicha har’a maqaa namoota kuma 5 fi 166 karaa seeraan alaa maallaqa isaaniif hin malle fudhachuun yeroo kanname keessatti deebisuu hin dandeenyee ifoomseera.

Namoonni maqaan isaanii ifoomse kunneen hanga Bitootessa 21, 2016 Maallaqa fudhatan kan hin deebifne taanaan tarkaanfii seeraa kan fudhatu ta’uu hubachiiseera.

Namoonni kumni 9 fi 281 yeroo jedhame keessatti maallaqa fudhatan guutummaatti deebisuu ibseera.

https://ow.ly/iYtO50R2WrV

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.