Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa Maqalee fi naannawaa ishee dameelee 31’tti tajaajila guutuu eegale

Finfinnee, Amajjii 30, 2015 (FBC)- Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa Naannoo Tigraay Magaalaa Maqalee fi naannawaa ishee dameelee 31tti tajaajila baankii guutuu kennuu eegaleera.

Pireezidaantiin Baankichaa Obbo Abbee Saanoo gamaa Tiwiitara isaaniin akka ibsanitti Magaalaa Maqalee fi naannawaa ishee dameelee 31’tti tajaajilli baankii kennamuu eegaleera.

Obbo Abbeen, qaamolee baankichi akka tajaajila eegaluuf tumsan galateeffatanii, dabalataan baankichi dameelee 16’tti tajaajila eegalchiisuuf akka jiru beeksisaniiru.

Murtee Muummee Ministiraa Abiy Ahimad hordofee Baankiin Biyyaalessaa maallaqa callaa Birrii Biiliyoona 5 gara Maqaleetti erguu eegaluun ni yaadatama.

Maallaqni callaan kun kaleessarraa eegalee baankotaatti raabsamuu akka eegalu eeramuun ni yaadatama.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.