Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Misooma Afrikaa hanqina midhaan nyaataa ittisuuf kan oolu Doolaara biiliyoona 1.5 raggaasise

Finfinnee, Caamsaa 13, 2014 (FBC) – Baankiin Misooma Afrikaa hanqina midhaan nyaataa ittisuuf kan oolu Doolaara biiliyoona 1.5 raggaasiseera.
Hanqina dhiyeessii sababa waraana Raashiyaa fi Yukreeniin uumame uwwisuuf midhaan nyaataa meetirik Toonii miiliyoona 30 bittaa raawwachuuf ta’uu ibsameera.
Dhiyeessii midhaan nyaataa kanneen akka Qamadii, Boqqoolloo fi Ataraa Yukreenii fi Raashiyaa galaa ture bakka buusuuf ta’uu himameera.
Dabalataan deeggarsi ragga’e kun oomishaalee alaa galu kan biyya keessaan uwwisuuf kan dandeessisu ta’uu ibsameera.
Qonna bara dhufuuf sanyii filatamaa qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf kan oolu ta’uu ibsameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.