Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Siinqee Birrii biiliyoona 3.3 ol liqii kennuun hawaasa fayyadamaa taasisaa jira

Finfinnee, Amajjii 30, 2015 (FBC)- Baankiin Siinqee Birrii biiliyoona 3.3 ol liqii kennuun hawaasa fayyadamaa taasisaa jiraachuu Pirezidaantiin Baankichaa Obbo Niwaay Magarsaa ibsan.

Obbo Niwaay Magarsaa akka ibsanitti, baankichi diinagdee Oromoo daran milkeessuu fi fayyadamummaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjachaa jira.

Baankichi barana qusannaa Birrii biiliyoona 40 walitti qabuuf karoorfate keessaa hanga ammaatti Birrii biiliyoona 20 walitti qabuu beeksisaniiru.

Baankiin Siinqeen galma qabatee socho’aa jiru milkeessaa jiraachuu obbo Niwaay ibsuun hanga ammaatti liqii Birrii biiliyoona 3.3 ol kennuun hawaasa fayyadamaa taasisaa jiraachuun argisiistuudha jedhan.

Baankichi hoji dhabdoota, qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota giddugaleeffachuun hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Naannolee ollaa akka Somaalee, Afaar, Beenishaanguul Gumuz, Dirree Dhawaa fi Hawaasaatti damee babal’ifachuu fi dameewwaan isaa 65’tti guddisuun hojjechaa akka jiru ragaan Biiroo kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.