Fana: At a Speed of Life!

Baankoota Ityoophiyaaf Liqaan Doolaara biiliyoona walakkaa dhiyaachuufi jedhame

Finfinnee, Fulbaana 5, 2014 (FBC) – Baankiin Imoortii Ekispoortii Afrikaa Baankoota Ityoophiyaaf Liqaa Doolaara biiliyoona walakkaa dhiyaachuuf murteessuu beeksiise.
Baankich hanga ammaatti Proojektoota dame Faayinaansii Afrikaaf Doolaara biiliyoona 25 ol deeggarsa taasiisuu ibsameera.
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuud deeggarsa Doolaar biiliyoona 3 olii taasiisuu himameera.
Yeroo ammaas bittaa talaallii Covid -19 kan ooluu Doolaara biiliyoona dhiyeessuuf Gamtaa fi Qaaomolee dhimmi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Baankichi miidhaa diinagdee weerarri Covid -19 Afrikaa dandamachiisuuf Doolaara biiliyoona 3 ol Baankootaaf deeggarsa taasiisuu himamera.
Baankoota Ityoophiyaa keessatti argamaniif deeggarsa Doolaara miiliyoona dhibba 5 taasiisuuf murteessuu eerameera.
Kana duras baankichi dameewwan garaagaraaf deeggarsa birrii biiliyoona 1 olii taasiisuu eerameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.