Fana: At a Speed of Life!

“Badhaasichi Raayyaan Ittisa Biyyaa gumaacha nageenya buusuu naannichatti taasiseef beekkamti kan laatedha” – Jeneraal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC)- Iitaamaajoorii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Birhaanuu Juulaa mootummaa fi ummata jibuutii irraa kan laatamefi Niishaanii Olaanaa sadarkaa dhumaa biyyattii Raayyaan Ittisa Biyyaa gummaacha nageenya buusuu naannichatti taasiseef beekkamti kan laate ta’uu ibsaniiru.
Jibuutirraa meedaaliyaa Niishaanii olaanaa biyyattii kan laatameefi Iitaamaajoorii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Birhaanuu Juulaa wayita Finfinnee galan simanna ho’aan ta’eera.
Jeneraal Birhaanuu Juulaa wayita buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee ga’an Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Qana’aa Yaadataa dabalatee ajajoonni olaannoo raayyaa ittisa biyyaa simannaa taasisaniiru.
Jeneraal Birhaanuu Juulaa “Badhaasichi Raayyaan Ittisa Biyyaa gumaacha nageenya buusuu naannichatti taasiseef beekkamti kan laatedha” jedhaniiru.
Mootummaan Juuntaa irratti waqtii olaantummaa seeraa kabaachiisu fudhate biyyoonni olla hedduun naannichi ni jeeqaama sodaa jedhu galuu kan yaaddachiisaan Jeneraal Birhaanuu Juulaa; haata’uuti, raayyaan ittisa biyyaa olaantummaa seeraa kabaachiisuu yeroo gabaabaa keessatti xumuruu biyyoota naannichaatti dinqisiifattummaa akka uume ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.