Fana: At a Speed of Life!

Badhaasni muuziqaa Haachaaluu Hundeessaa Waxabajjii 22 gaggeeffama jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2014 (FBC) – Badhaasni Muuziqaa Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 22, 2014 akka gaggeeffamuu Faawundeshiniin Haacaaluu Hundeessaa beeksise.
Faawundeeshinichi dhimmicha ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneera.
Haati Warraa fi Miseensi Boordii Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa Faantuu Damissee, guyyaa Artisti Haacaaluun boqotee eegalee hanga Bitootessa 22, 2014’tti muuziqaawwan Afaan Oromoon hojjetaman kan waliin dorqomsiisan ta’uu himaniiru.
Walaloo, Ciniimaatoogiraafii gaarii, weellistoota dhiiraa fi dubartootaan muuziqaawwan hojjetaman dorgommichaaf kan dhiyaatan ta’uun eerameera.
Dorgommichi waggaa waggaan Waxabajjii 22 walitti fufinsaan akka gaggeeffamu ibsichaan eeramuu DhPI gabaase.
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.