Fana: At a Speed of Life!

Balaliiftoonni fi keessumeessitonni balallii magaalichatti proojaktoota ijaarramaa jiran daawwatan

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC) – Balaliiftoonni fi keessummeessitoonni balallii Daandii Qilleensa Ityoophiyaa proojaktoota magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Balaliiftoonni fi keessumeessitonni balallii kunneen Proojaktoota proojaktoota Inxooxxoo fi Shaggaar daawwataniiru.

Itti aanaan kaantibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan, Finfinnee giddugala tuuriizimii taasisuuf hojiiwwan misoomaa hojjetamaa jiran ilaalchisee balaliiftootaa fi keessummeessitoota kanneeniif ibsa taasisaniiru.

Qaamooleen kunneen hojiiwwan misooma hawaasummaa bulchiinsa magaalichaatti hojjetamaa jiranirratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu isaanii ragaan waajjira Kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.