Fana: At a Speed of Life!

Balfa deebisanii faayidaaf oolchuun galiin Birrii miiliyoona 746 olii argame

Finfinnee, Amajjii 8, 2016 (FBC)- Baatiiwwaan 6’n darbanitti hojii balfa deebisanii faayidaarra oolchuuf hojjetameen galiin Birrii miiliyoona 746 ol argamuu Ejensiin Qulqullinaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Eejensichatti Daayirektarri Giddugala Deebisaanii Fayyadamuu fi Haroomsaa Baayyush Taaddalaan akka ibsanitti, ejensichi hawwatumma magaalichaa eegsisuu bira darbee magaalichatti balfa deebisanii hojiirraa oolchuun madda galii taasisuun cimsee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Eejensichi baatiiwwaan 6’n darbanitti balfa deebi’ee hojiirra ooleen galiin Birrii miiliyoona 636 argachuuf karoorfamee galiin Birrii miiliyoona 746 argamuu ragaan Ejensicharra argame ni mul’isa
Bara darbe balfaa toonii kuma 86 ol deebisaanii hojiirra oolchuuf hojiilee hojjetamaniin galiin Birrii biiliyoona 1 ol argamuun ni yaadatama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.