Fana: At a Speed of Life!

Baqattoonni lammii Ityoophiyaa 76 Keeniyaadhaa gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2012 (FBC) – Baqattoonni lammii Ityoophiyaa 76 Keeniyaadhaa gara biyyaatti deebi’uun ibsame.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Koomiishiniin Olaanaa Baqattootaa akka ibsetti lammiileen Ityoophiyaa fedhiidhan gara biyyaatti deebi’an Keeniyaa bakka buufata qubannaa Kaakuumaa keessa warra jiraachaa turanidha.

Baqattootni kanneen gara biyyaatti fedhiidhan kan deebi’an tumsa Dhaabbata Mootummota Gamtoomanitti Koomiishinii Olaanaa Baqattootaa, Dhaabbata Mootummota Gamtoomanitti Eejansii Baqattootaa Mootumma Ityoophiya fi Keeniyaa waliin ta’uudhani.

Kaleessa gara Ityoophiyaatti kan deebi’an baqattootni 76 naannoo Soomaaledhaa kan ba’anii fi waggaa kudha lamaaf jireenya baqattummaan kan jiraatan ta’uun ibsameera.

Baqattoota deebi’an keessaa walakkaadhaa ol dubartoota yoo ta’an, ijoollen jireenya baqattummaa keessatti dhalatanii guddatanis jiru.

Fulduratti baqattoonni bakka buufata jireenyaa Kaakuumaa fi Dadaab jiran gara biyyaatti ni deebi’u jedhameera.

Baqattoota kuma 2 fi 281 gara biyyatti deebi’uuf sanadni imalaa kennamaa jirachuun ibsameera.

Kanumaan walqabatee, bakka buufata jireenya baqattoota Kaakuuma 85 akkasumas buufata jireenya baqattoota Dadaab ammoo lammiileen Ityoophiyaa kuma 2 fi 196f sanadni imalaa qophaa’era jedhame.

Lammiileen Ityoophiyaa bakka buufata jireenya baqattoota Kaakuuma kuma 10 kan jiran yoo ta’u, bakka buufata jireenya baqattoota Dadaab ammoo kuma 7 waliigalaan lammiileen Ityoophiyaa kuma 17 ta’an jireenya baqattummaa jalatti akka argaman ragaan ni muldhisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.