Fana: At a Speed of Life!

Bara baajata 2013tti wiixineen baajata mootummaa federaalaa Birri biiliyoona 400 fi biiliyoona 76 akka ta’u murtaa’e

Finfinnee, Caamsaa 29, 2012 (FBC) –Manni Maree Ministeerotaa bara baajata 2013tti wiixineen baajata mootummaa federaalaa Birri biiliyoona 400 fi biiliyoona 76 akka ta’u murtee dabarse.

Manni marichaa guyyaa har’aa walga’ii idileessa 84ffaa gaggeesseen ajandaawwan garagaraarratti mari’achuun murtee dabarseera.

1.Manni marichaa bara baajata 2013tti wixinee baajata mootummaa federaalaa irratti mari’ateera.

2.Tattamsa’in vaayrasii koroonaa ittisuu, too’achuu fi dhiibbaa qaqqabsiisu hir’isuuf labsii yeroo ariifachiisa baaseen danbii rawwachiisummaa dhimmoota diinagdees ilaaleera.

3. Tattamsa’in vaayrasii koroonaa ittisuu fi too’achuu labsii yeroo ariifachiisaa fi qajeelfamoota baase irratti wixinee danbii adabbii bulchiinsa tiraafikaa irratti mari’ateera.

4.Gamtaa Misooma Idil addunyaa waliin kan taasifame waliigaltee fi liqaa raawwachiisummaa proojkatii ittisa awwanisa gammoojji fi too’annaa irratti mari’ateera.

5. Dhumarratti manni marichaa waliigalteewwan idil addunyaa abbaan alangaa waliigalaa dhiyeesse irratti mari’achuun akka ragga’uuf mana maree bakka bu’oota ummatatti akka darbu murteesseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.