Fana: At a Speed of Life!

Barattoota Kuma 35 ol Yuunvarsiitiwwan gadi dhiisaanii bahan deebisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Barattoota kuma 35 ol Yuunvarsiitiwwaan gadi dhiisaanii bahan deebisuuf hojjechaa jiraachuu Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo beeksise.

Yuunvarsiitiiwwan keessatti nageenyi dhabamuun walqabatee baratoonni kumni 35 ol gadi dhiisanii bahuu isaanii ministeerichi ifoomseeera.

Ministeerichi guyyaa har’aa dhimmoota nageenya Yuunvarsiitiwwanii ilaalchisee qaamolee garagaraa waliin marii fi gamaaggama gaggeessa jira.

Qaamoleen bakka bu’oota ummataa, miseensoota Yuunvarsiitii fi ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoorra walitti babba’an waliin Yuunvarsiitiiwwaan rakkoo nageenyaa qaban 22 keessatti daawwaannaa taasisee ilaalchisee gabaasa dhiyeesseera.

Qorannoon koreen Yuunvarsiitiwwaan naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi bulchiinsa magaalaa Dirree Daawwaatti gaggeessaa ture % 85 bu’aa qabeessa ta’uu Ministirri Ministeera Saayinsii fi dhaabbilee barnootaa olaanoo Proofeesar Hiruut Waldamaariyaam ibsaniiru.

Rakkoo nageenyaa uummamaniin walqabatee dhaabbilee barnootaa olaanoo garagaraa keessatti tarkaanfiin fudhatamuu isaas ibsaniiru.

Dhaabbilee barnootaa kanneen tasgabbeessuuf Yuunvarsiitiiwwan 22 keessa kan turan barattoota 640 ol, barsiisoota 40 fi hojjettoota bulchiinsaa 240 ol irratti tarkaanfiin garagaraa fudhatamuu isaa ragaan ministeeicharraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.