Fana: At a Speed of Life!

Barattuu akka biyyaatti qormaata kutaa 12ffaa bara 2015n qabxii olaanaa galmeessite

Finfinnee, Fulbaana 29, 2016 (FBC) – Barattuun Hanaan Najii Ahimad magaalaa Finfinnee Mana Barumsaa Kiruuzirraa damee Saayinsii Uumamaan qabxii 649 galmeessuun seenaa hojjette.

Barattuu Hanan gadii qabdee barattuu cimtuu fi namuusa gaarii qabdu ta’uu Daayrektarri mana barumsichaa Obbo Jamaal Idiris Faanaa Biroodkaasting Korporeetiif himaniiru.

Bara kana waliigalaan barattoonni kumni 845 fi 188 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuun kan yaadatamuudha.

Barattoota qormaata fudhatan kanneen keessaa % 3.2 qofti qabxii darbiinsaa kan galmeessaan ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksisee ture.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.