Fana: At a Speed of Life!

Barii har’aa golgamni addeessaa gariiniin mul’achuu Inistiityuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji’oo Ispaashaal beeksise

Finfinnee, Caamsaa 8, 2014 (FBC) – Barii har’aa golgamni addeessaa gariiniin mul’achuu Inistiityuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji’oo Ispaashaal beeksiseera.

Yuunvarsiitiin Samaraa Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oo Ispaachaal akkasumas Hawaasa Saayinsii Hawaa Ityoophiyaa waliin ta’uun agarsiisa gariin golgamuu addeessaa hawaasa yuunvarsiitichaa fi naannawichaaf mooraa isaa keessatti gaggeesseera.

Taatichi kan uumamu lafti aduu fi addeessa gidduu wayita ooltu ta’uu Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oo Ispaashaalii Ityoophiyaatti qorataa Saayinsii hawaa kan ta’an Dooktar Eefreem Bashir ibsaniiru.

Taatichi Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Ameerikaa Kibbaa fi Awurooppaatti mul’achuu eeraniiru.

Ityoophiyaattis barii har’aa naannoo Sa’aatii 11:00 irraa eegalee bakkeewwan garaagaraatti golgamni addeessaa gariiniin mul’achuu ibsaniiru.

Naannoo Afaaritti naannoo sa’aatii 11:00 golgamni addeessaa gariin mul’ate salphaadhumatti ijaan argamaaa turuu fi adeemsa keessa hurriin da’eeffamaa dhufus teeknooloojii garaagaraa fayyadamuun taaticha ilaaluun danda’amuu kaasaniiru.

Bakka bu’aan Hawaasa Saayinsii Hawaa Ityoophiyaa obbo Kiruubeel Manbaruun gamasaaniin, sagantichi naannoo Afaar Yuunvarsiitii Samaraatti qophaa’uun haala mijataa naannichi Tuurizimii Hawaaf qabu beeksisuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.