Fana: At a Speed of Life!

Barsiifatni gaggaariin dhalachuu Iyyasuus Kiristoosiin goonfanne galaa tokkommaa fi waliin jireenyaati-Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Mudde 27, 2016 (FBC)-Barsiifatni gaggaariin dhalachuu Iyyasuus Kiristoosiin goonfanne galaa tokkommaa fi waliin jireenyaati jedhan Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan.

Obbo Fiqaaduun Ayyaana Qillee Sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.

Guyyaan dhaloota Iyyasuus Kiristoos barsiifataalee gaggaarii gaarummaa nama goonfachiisan, waliin jireenya ilmaan namaa jabeessan akkasumas tokkummaa, jaalalaa fi dhiifamaaf boqonnaa haaraa saaqan hedduudhaan kan yaadatamu, hordoftoota amantaa Kiristaanaatiinis sirnoota garaa garaatiin dabaalamee gammachuu ol’aanaan kan ayyaaneffatamu guyyaa kabajamaadha.

Horodoftootni amantaa kiristaanaa biyya keessaa fi kutaalee addunyaa garaa garaa keessatti argamtan hunduu baga guyyaa jaallatamaa kanaaf nagaan ittiin isin gahe, baga geessan jechuun fedha.

Iyyasuus Kiristoos daandiin gara injifannootti ittiin qajeelan, iccitiin milkaahina bara baraa ittiin goonfatan gaarummaa, araaraa fi dhiifama ta’uu kan barsiise, boqonnaa jibbaa fi wal qoodiinsaa cufee daandii tokkummaa fi waloomaa kan saaqe waan ta’eef guyyaan kun yaadannoo dhalachuu isaatiif gammachuun kan ayyaaneffannu qofa osoo hin taane, barsiifata isaatis jabessinee hojiirra kan itti oolchinu, jechaa fi gocha keenyaan gaarummaa, jaalalaa fi dhiifama dhugaa kan itti labsinu ta’uu qaba.

Ayyaana yaadannoo dhaloota Iyyasuus Kiristoos yemmuu kabajnu sona waliin jireenya keenyaa daran jabeessuu, kan qabnurraa waliif qoodnee, kan rakkate gargaarree gammachuun waliin dabarsuun murteessaadha.

Ayyaanichi mul’ata keenya kan itti dhugoomsinu, tokkummaa fi obbolummaa dhugaatiin faayamnee injifanno kan itti goonfannuu waloodhaan dhaabbannee nageenya, misoomaa fi badhaadhina biyya keenyaa kan itti mirkaneessinu akka nuuf ta’u hawwaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.