Fana: At a Speed of Life!

Beelaarus michuu tarsiimoo Raashiyaa murteessituudha -Sergee Shooyiguu

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2014 (FBC) – Beelaarus michuu tarsiimoo Raashiyaa murteessituudha jedhan Ministirri Ittisaa Raashiyaa Sergee Shooyiguu.

Beelarusii fi Raashiyaan karoora dhimmoota loltummaa akkumas haala yeroo irratti mari’ataniiru.

Beelaarus biyya tarsiimoo murteesiituu michuu Raashiyaati kan jedhan ministirichi, yeroo ammaa waraanaa biyyoota Lixaa hinlabsamne dhaabuuf, biyyoonni lameen hariiroo gama lameenii cimaa dhufuu ibsaniiru.

Haalonni kunneen dandeettii ittisaa biyyoota lameenii cimsuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu akka qaban eeraniiru.

Kanaanis sirna ittisa qilleensaa dabalatee, deeggarsa loltummaa Beelaarusiin barbaachisuun taasisuuf qophii ta’uu Serge Shoyiguu himaniiru.

Beelaarus tuttuqaa Ameerikaa fi michoota ishee dandamachuuf, kutannoo qabdu dinqisiifatanii, gareen jilaa isaaniis koonfiraansii nageenyaa fuulduratti Miinesk qopheessituurratti akka hirmaattu ibsaniiru.

Raashiyaa fi Beelaaruus bara faranjootaa 1999, kabinee waliinii, manneen murtii, paarlaamaa fi dhaabbilee biroo waloon hundeessuuf waliigaltee gamtaa gama-lameenii mallatteessanii turuu RT gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.