Fana: At a Speed of Life!

Biriitaaniyaan Gamtaa Awurooppaan adda bahuu isheen Yuuroo biiliyoona 33 dhabde

Finfinnee, Mudde 14, 2015 (FBC) – Biriitaaniyaan Gamtaa Awurooppaan adda bahuu isheen Yuuroo biiliyoona 33 dhabuu ishee qorannoon ifoomse.

Biriitaaniyaan Gamtaa Awurooppaan adda bahuun ishee guddina Diinagdee biyyattiirratti dhiibbaa uumuu qorannoon Landanitti taasifame ifoomseera.

Biyyattiin gamticha keessa osoo turtee diinagdeen ishee % 5.5 guddina agarsiisuu danda’an ture jedhame.

Yaa ta’uutii sababa biyyattiin Gamtaa Awurooppaa keessaa baateef guddinni diinagdee ishee % 5.5 hir’ina argisiisuu qorannoon kun eereera.

Kunis wayita maallaqaan Madaallame Yuuroo biiliyoona 33 yookaa Doolaara biiliyoona 40 ta’a jedhame.

Giddugalli Riifoormii Awurooppaa daataa biyyoota miseensa gamtichaa yeroo ammaa bu’uura taasiisuun ragaa baaseen, Biriitaaniyaan gamticha keessaa osoo bahuu baattee Ardichatti biyya diinagdeen guddoo ta’uu dandeessi ture jechuun ifoomseera.

Guddinni Diinagdee Biriitaaniyaa hanga bara Faranjootaa 2031tti Yuuroo biiliyoona 100 yookaa % 4 hir’achuu akka danda’u eereera.

Ogeeyyiin diinagdee gama isaaniin Hiikoon Biriitaaniyaan Gamtaa Awurooppaa waliin taasiifte miidhaan isaa hamaa ta’uu akka danda’u akeekkachiisaniiru.

Maddi:-RT

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.