Fana: At a Speed of Life!

Bittaan Shukkaaraa kuntaala miiliyoona 2 taasifamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 9, 2014 (FBC)- Hanqina dhiyeessii sukkaaraa fooyyessuuf bittaan Shukkaaraa kuntaala miiliyoona 2 taasifamuu Ministeerri Daldalaa fi Hariiroo Naannolee beeksise.

Shukaarri alaa bitame kuntaalli miiliyoonni 1 gara biyyaa galuu Ministeerichatti dursaan garee qorannoo fi hordoffii gatii meeshaalee daldalaa obbo Ashannaafii Maammuyyee ibsaniiru.

Kanneen keessaa kuntaalli kuma dhibba 4 fi kumni 17 raabsamuu fi yeroo itti aanutti kuntaala miiliyoona 1 alaa galchuuf bittaan raawwachuu eeraniiru.

Yeroo ammaa oomisha biyya keessaan shukkaarri kuntaalli kuma dhibba 2 fi kumni 23 kan jiru ta’uu eeruun, waliigalaan shukkaarri kuntaalli kuma dhibba 7 ol Man-kuusaa keessa jiraachuu ibsaniiru.

Naannoleef ji’aan kuntaalli kuma dhibba 3 akkasumas magaalaa Finfinneef kuntaalli kuma dhibba 1 fi kumni 20 waliigala kuntaalli kuma dhibba 4 fi kumni 20 kan barbaachisu ta’uu obbo Ashannaafiin ibsaniiru.

Haa ta’u malee hanqina jirurraan kan ka’e % 50 qofti raabsamaa turuu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Daldalaa fi Hariiroo Naannoleerraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.