Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ijaarsa manneen jireenyaa eegalchiise

Finfinnee, Bitootessa 19, 2016 (FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ijaarsa manneen jireenyaa guyyoota 90 keessatti xumuraman eegalchiiseera.

Manneen kunneen kaafamtoota misoomaa, harka qalleeyyii fi biyyaaf kanneen olmaa oolaniif kan ijaaraman ta’uu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Pirojektichis gamoowwan sadii abbaa darbiiwwan shanii ta’uu himaniiru.

Abbootii qabeenyaa hirmaachisuun manneen jireenyaa ijaaraman kunneen guyyoota 90 keessatti xumuramuun jiraattotaaf kan dabarfaman ta’uu ibsanii abbootii warraa 108 fayyadamtoota akka ta’anis eeraniiru.

Aadde Adaanech Abbootii qabeenyaa hojii kanaaf tumsa taasisan galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.