Fana: At a Speed of Life!

Bu’uurri cimina magaalaa Finfinnee amanataalee fi eenyummaa sabdaneessummaa  ta’uusaan qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Bu’uurri cimina magaalaa Finfinnee amanataalee fi eenyummaa sabdaneessummaa ta’uu isaan qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu Kantiibaan magaalaa  Aadde Adaanech Abeebeen hubachiisan.

Waltajjiin marii haala yeroorratti kutaalee hawaasaa garaagaraa magaalichaa waliin gaggeeffamaa ture xumurameera.

Hoggansi uummata hirmaachisuun qormaatilee birmadummaa biyyaarratti aggaamaman keessa akkuma ba’e, waliin mari’achuu fi hojjechuun rakkoolee yeroo gabaabaa fi dheeraa keessatti furaman adda baasuun hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Jijjiiramichi bu’aa hedduu argamsiisaa jiraachuu fi rakkoolee qofaan kan guutame akka hin taane ibsuun, bu’uurri cimina magaalaa Finfinnee amanataalee fi eenyummaa sabdaneessummaa ta’uusaan qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.