Fana: At a Speed of Life!

Caccabaan qaama Rokkeettii Chaayinaa Ityoophiyaatti kufuu waan danda’uuf of eeggannoo taasiifamuu qaba jedhame

Finfinnee, Eebila 30, 2013 (FBC) – To’annoo ala kan taate Caccabaan qaama Rokkeettii Chaayinaa Ityoophiyaatti kufuu fi dhiisuu isaa wanti beekkama jiraachuu baatus of eeggannoon taasiifamuu akka qabu ibsameera.
Rokkeettiin Chaayinaa B5 jedhamu to’annaa ala ta’uun gara lafaatti gadi imalaa jiraachuu ibsameera.
Rokkeettiin kun Eebila 21, 2013 eegaltee to’annoo ala ta’uun saffisa olaanaan gara lafaatti gadi imalaa jiraachuu Inistiiityuutiin Saayinsii Hawwaa Ityoophiyaa beeksiiseera.
Rokkeettiittiin lafa naanna’uuf daqiiqaa 90 kan itti fudhatu yoo ta’uu, sa’aatii 1 keessatti Kiiloo Meetira kuma 28 kan ga’u akka ta’e Inistiityuutichi Faanaa Brookaastingii Korporeetiif ibseera.
Sosochiin ishee idileen ala ta’uun ol ka’iinsa ishee gara mudhii lafaatti yoo gadi hiiqu hanga Kiiloo meetira 170, yeroo ol ka’u ammoo hanga Kiiloo Meetira 370 ga’a jedhameera.
Mudhii lafaarraa Kaabaa fi Kibbatti Digirii Laatitiiyuutti 41gidduutti raafamaa sarara sochii idilee ishee osoo hin eegiin lafa naanna’aa jiraachuu ibsameera.
Rokkeettoonni tajaajila Saatalaayitiif erga oolanii to’annoo ala osoo hin ta’in iddoo mijatuutti akka kufan taasiifama ture.
Yaa ta’uutii Rokkeettiin Loong Maarchi 5B jedhamu kun to’annoo ala ta’uun caccabaan qaama ishee gara lafaatti imalaa jiraachuu Inistiityuutichi ibseera.
Rokkeettiin kun Ityoophiyaa keessatti kufuu waan da’uuf of eeggannoon akkamii akka taasiifamu ilaalchisee Inistiityuutichi Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ibsa laateera.
Ammatti caccabaan qaama Rokkeettichaa Ityoophiyaa keessatti kufuu fi dhiisuu isaa qabatamaan beekkamuu baatus of eeggannoon taasiifamuu akka qabu ibseera.
Iddoo caccabichi itti kufuu danda’u erga beekkamee booda sosochii miilanis ta’ee Geejjibaan taasiifamu dhaabuu, iddoo gubbaan dahoo qabu taa’uu, bakka hojii namni jiru Helmeetii godhachuu fi of eeggannoo kanneen kana fakkaatan taasiisuun murteessaa ta’uu Inistiiityuutiin Saayinsii Hawwaa Ityoophiyaa beeksiiseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.