Fana: At a Speed of Life!

Caffeen Orommiyaa hordoffii fi to’annoo dirree marsaa 2ffaa boru eegala

Finfinnee, Caamsaa 17, 2014 (FBC) – Koreewwan Dhaabbii Caffee Oromiyaa Godinaalee 10 keessatti hordoffii fi to’annoo dirree marsaa 2ffaa boru irraa eegalee kan geggeessuu ta’uu ibsame.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahman, hordoffii fi to’annoo dirree kanaan raawwii hojii keessatti ciminoota jiran jajjabeessuu, hanqinaalee mul’atan ammoo hoggansi xiyyeeffannoon akka hojjatuuf kallattii kaa’uuf ta’uu ibsaniiru.

Karoorri hojii Caffeen jalqaba waggaa irratti raggaase qixa karoorfameen raawwatamuu isaa hojiin hojjetamaa ture qabatamaan sadarkaa irra jiru adda baasuun qaama hordoffii fi to’annoo kanaati jedhameera.

Hordoffii fi to’annoon gaggeeffamu kanaan, miseensota Koreewwan Dhaabbii Caffee bobba’anii dabalataan, miseensonni Caffee naannoo sana jiran, Afyaa’onni Manneen Maree Aanaalee, Koreewwan Dhaabbii fi miseensonni mana marichaa kan hirmaatan ta’uu Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaan himuu isaanii ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.