Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan bu’aa qorannoo saayinsaawaa Maarsirratti gaggeessitee ifoomsite

Finfinnee, Fulbaana 9, 2015 (FBC) – Chaayinaan bu’aa qorannoo hawaa Maarsirratti gaggeessitee ifoomsiteetti.

Bulchiinsi Hawaa Biyyaalessaa Chaayinaa (CNSA) bu’aa ifoomseen Saayinstistoonni Chaayinaa suuraa qaama Maarsiirraa fi hariiroo sochii bishaanii gidduurratti ibsa kennaniiru.

Saayintistoonni kunneen waggoota biiliyoona 1 dura bara Amaazooniin dura kan ture sochiin bishaanii olaanaan Pilaaneetii Maarsiirra akka ture kan mirkaneessan albuudaalee jiidhina qaban kattaawwan keessatti argachuu beeksisaniiru.

Saayintistoonni naannawaa Maarsii qubataniitti biyyeen pilaaneetiitti, bishaanii fi qilleensaan dhiqamuu kan abuuran yoo ta’u, biyyeen Maarsirraa jiidhina olaanaa qabachuu akka danda’u mirkaneessuu isaanii himaniiru.

Bu’uuruma bu’aalee qorannoo kanaan saayintistoonni Maarsiirraa qilleensii fi bishaan qaama lafaa Maarsiirratti dhiibbaa qabaachuu argisiisuun, yeroo tokko naannawaa Yuutoopiyaan Pilaaniishiyaa jedhamuutti shakkii galaanni tureera jedhuuf deeggarsa kennaniiru.

Dabalataan saayintistoonni Chaayinaa, hamma walitti dhidhaachuu kattaawaan Maarsii keessaa, dhiqamaa biyyee akkasumas harkisa Maarsiirraa ilaalchisee bu’aalee saayinsaawaa hedduu argachuu ibsaniiru.

Bulchiinsi Hawaa Biyyaalessaa Chaayinaa, fuulduratti pilaaneeti Maarsii ilaalchisee qo’annoo fageenyaa bal’aa fi ragaalee saayinsaawaa walitti qabuu akka itti fufu beeksisuu CGTN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.