Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan tumsa dhimmoota ijoorratti Ameerikaa waliin qabdu adda kutuu beeksiifte

Finfinnee, Adoolessa 30, 2014 (FBC) – Chaayinaan tumsa dhimmoota ijoorratti Ameerikaa waliin qabdu adda kutuu beeksiifteerti.

Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa dhimmicha ilaalchisee ibsa baaseen, tarkaanfichi kan fudhatame Af Yaa’iin Ameerikaa Naansii Peeloosiin imaammata ‘Tokkoo Chaayinaa’ sarbuun Taayiwaanitti daawwannaa taasiisuu isaaniin hirdofee ta’uu ibseera.

Haala murtichaan Chaayinaan tumsa Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa, dhimmoota waraanaa, yakkoota idil addunyaa waloon ittisuu dabalatee dhimmoota biroorratti tumsa Ameerikaa waliin qabdu adda kutuu beeksiseera.

Mariin aanga’oota waraanaa biyyoota lamaanii gidduutti gaggeeffamus adda cituu himeera.

Beejiingi daawwannaan Naansii Peeloosii Taayiwaaniitti taasiisaan birmadummaa Chaayinaa kan sarbe jechuun dhorkii imalaa Af Yaa’iittii fi maatii isaanirra kaa’uu ibsameera.

Murtoon Chaayinaan tumsa Waashiingitan waliin qabdurratti dabarsite murtoo dogogoraa ta’uu Ministirri Ministeera dhimma Alaa Ameerikaa Antooniyoo Biliinkeen dhimmacha ilaalchisee ibsa laataniin eeraniiru.

Murtichi Chaayinaan dhimma Taayiwaan mariin furuu caalaa humna filachuu ishee kan agarsiisudha jedhan.

Ameerikaan hariiroo waloon Chaayinaa waliin qabdu haala faayidaa biyyaalessaa isheef eegeen kan itti fuftu ta’uu himaniiru.

Maddi:- BBC

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.