Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaatti dabalataan hospitaalonni yeroo 19 ijaaramuufi

Finfinnee, Guurandhala 14, 2012 (FBC) – Chaayinaa bulchinsa Wuuhaan keessatti dabalataan hospitaalonni yeroo 19 ijaaramuufi.

Iddoo argama vaayrasichaa kan taate Chaayinaan namoota vaayrasichaaf saaxilaman simattee yaaluuf, hospitalota yeroo 19 ijaaruuf karoorsuushee beeksifteetti.

Hospitaalonni kanneen ijaarsisaanii wayita xumuramu dandeettii siree ciisichaa kuma 30 ol qabachuu qaba jedhameera.

Weeraricharratti hundaa’un magaalittitti hanqina iddoo ciisichaa mudatan furuuf, warshaa dabalatee jimnaastikii, giddugalli waltajjii fi agarsiisaa gara hospitaloota yerootti jijjiirramuun isaanii himameera.

Kanneen keessaa hoospitaalonni xiqqaan ijaarsisaa xumurames iddoo ciisichaa kuma 3 fi 690 qabachuu ni danda’a jedhameera

Hoospitaalli bal’dhina lafa kaaree meetira kuma 54 irratti ijaarrame, kutaa qabbanaa, kutaa dhiqannaa, mana fincaanii socho’aa, kutaa kitaaba, iddoo agarsiisa fiilmii, reestoraanti fi iddoowwan bashannanaa kan qabudha jedhameera.

Weerara vaayrasichaa ittisuufis naannolee Chaayinaa garaagaraarraa gareen fayyaa 72 gara hoospitaalota kanneeniitti imalaniiru jedhame.

Maddi:- CTGN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.