Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa oomishaalee paarkota indaastirii geejibsiisaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Caamsaa 20, 2012 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa oomishaalee paarkota indaastirii geejibsiisaa jiraachuu beeksise.
 
Daandichi oomishaalee abaaboo dabalatee oomishaalee paarkota indaastirii biroo fee’isa kaargodhaan gabaa biyya alaatif dhiyeessaa jira.
 
Daandileen qilleensaa hedduun sababii weerara vaayrasii koroonaatin sochiin daanga’uu waliin walqabatee hojjettoota isaanii gaggeessanii hojii dhaabaniiru.
 
Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa garuu vaayrasicha ittisaa, hojii fe’isaa hojjechaa jiraachuu hoji raawwachiisaa olaanaan daandichaa obbo Tawaldaa G/maariyaam ibsaniiru.
 
Tajaajila geejibaa kanas dhaabbilee invastimantii kanneen jajjabeessuuf gatii hir’isuun hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.
 
Oomishtoonni abaaboo Keeniyaa kanaan dura daandilee Awrooppaa fayyadamu turan. Yaata’uutii isaan hojii dhaabuu isaanitiin Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa hojicha fudhatee tajaajila laachaa jira.
 
Kun ammoo diinagdee Ityoophiyaa utubuu keessatti ga’ee olaanaa qabaata jedhan.
 
Guyyaattis abaaboo toonii 200 ol alatti geessaa jira.
 
Yeroo soomana Ramadaanaa oomisha foonii gara biyyoota Baha Jiddugaleessaatti geejibsiisaa tureera.
 
Daandichi kanaan dura kaargoorraa galii %15, imaltootarraa %85 argachaa tureera.
 
Tajaajilli imaltootaa dhaabbachuu isaarraa kan ka’e tajaajila kaargoo guddisuun galii achirraa argamu %30tti ol guddisuun danda’ameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.