Fana: At a Speed of Life!

Daawwiin hojii biyyoota Afrikaa milkaa’aa ture – obbo Nabiyaat

Finfinnee, Amajjii 8, 2012 (FBC) – Daawwiin hojii muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad biyyoota addaddaatti taasisan milkaa’aa ture jedhe Ministeerri Dhimma Alaa FDRI.

Daawwiin biyyoota Afrikaatti taasisan imaammata dhimma alaa mootummaa FDRI bu’uura kan taasifatee fi milkaa’aa tures jedhan odu himaan ministeerichaa obbo Nabiyaat Geetaachaw.

Obbo Nabiyaat ibsa haala yeroorratti har’a laataniin akka beeksisanitti, daawwichi hariiroo diippiloomaasii daldalaa, invastimantii fi tuuriizimii cimsuurratti bu’a qabeessa ture jedhan.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad daawwii hojii isaanii biyyoota Afrikaatin Giinii, Ikiwaatooriyaal Giinii fi Afrikaa Kibbaa turaniiru.

Turmaata isaanitiinis hariiroo biyyoota kanneenii fi Ityoophiyaa cimsuuf waliigalteewwan dameewwan addaddaa raawwatamaniiru.

Diippiloomaasiin lammummaarratti xiyyeeffate Afrikaa Kibbaatti hojjetamuus ibsaniiru.

Yaa’ii dureewwan Gamtaa Afrikaa 33ffaa gaggeeffamuuf koreen biyyoolessaa hundaa’ee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru odu himtichi.

Yaa’ichi dhuma baatii kanaatti Finfinneetti gaggeeffama.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.