Fana: At a Speed of Life!

Daddabarsa namoota seeran alaa ittisuuf sosochiin hawaasaa murteessadha- obbo Dammaqaa

Finfinnee, Amajjii 9, 2012 (FBC) – Sochiin hawaasaa daddabarsa namoota seeran alaa ittisuurratti hojjechuu qaba jedhan itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan.

Manni Maree Ittisa Daddabarsa Namoota Seeran Alaa Biyyoolessaa kaleessa walga’iisaa idilee gaggeessera.

Dhimmicha hundeerraa furuuf ilaalcha namootaarratti hojjetamuu qabas jedhaniiru.

Faddaaltota maallaqa namaa baraniin ilmaan hiyyeessaa miidhamaa waan jiraniif sosochiin hawaasaa kana dhaabsisuurratti hojjechuu qabas jedhaniiru obbo Dammaqaan.

Daddabarsa namoota seeran alaa fi daangaa ceesisuu dhaabsisuuf maatirraa kaasee hojjetamuu akka qabu ibsan.

Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa obbo Biraanuu Tsaggaayeen gama isaanitiin yakkichi dhoksaan kan hojjetamuu fi qaamoleen hedduun kan irratti hirmaatan ta’uu ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.