Fana: At a Speed of Life!

Daldaltoonni dubartootaa nageenya biyyaatif ga’ee isaanii ba’achuu qabu jedhame

Finfinnee, Amajjii 16, 2012 (FBC) – Daldaltoonni dubartootaa kabajamuu nageenya biyyaatif ga’ee isaanii akka ba’atan Ministeerri Nageenyaa dhaame.

Waltajjiin ‘hawaasni daldalaa ijaarsa nageenya biyyaatif’ jedhu Finfinneetti taa’ameera.

Waltajjichi Ministeera Nageenyaa, Ministeera Daldalaa fi Indaastirii, Waldaalee Dameewwan Daldalaa Ityoophiyaa. Waldaalee Daldaltoota Dubartoota Ityoophiyaa waliin kan qophaa’edha.

Ministeera Nageenyaatti ministir deettaan damee ijaarsa nageenyaa aadde Almaaz Makoonnan, rakkoo nageenyaa uumamuun duursa kan hubamu sochii daldalaa ta’uu ibsan.

Kanaaf ammoo hawaasni daldalaa nageenya biyyaa keessatti ga’ee isaanii ba’achuu qabu jedhaniiru.

Dargaggoonni waldhabbiitti akka hin seenne, daldaltoonni dubartootaa sochii diinagdee keessatti akka hirmaatan akka tumsan gaafataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.