Fana: At a Speed of Life!

Dantaan uummata eeguun galma Fooramii Miidiyaa fi Quunnamtiiti-Obbo Haayiluu Addunyaa

Finfinnee, Guraandhala 29, 2016 (FBC)- Dantaan uummata akka hincabne eeguun galma Fooraamii Miidiyaa fi Quunnamtii ta’uu Hogganaan Biiroo Kominikeshinii Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaan ibsan.

Fooramamii Miidiyaafi Quunnamtii gamaggama raawwii hojii kurmaana 2ffaa bakka hoogantoonni miidiyaalee argamanitti geggeesseera.

Waltajjicharratti Obbo Hayiluu Addunyaan, fooramichi erga hundeeffamee hojiilee bu’aa qabeessa hojjechaa jiraachuu kaasuun, miidiyaalee fi quunnamtiin qindoominaan yaa’insa odeeffannoo giddugala tokko irraa argachuun dantaa saba biyya kanaa eeguuf kan kaayyeffate akka ta’e himaniiru.

Miidiyaaleen odeeffannoo walfakkaataa argatanii guyyaa guyyaan akka hojjetan giddugalli tokko murteessaa waan ta’eef, qabeenyaa fi yerootti gargaaramuun, dhageettii fi dandeettii miidiyaan qabu cimsuuf qindoominaan hojjechuun murteessaahda jedhan.

Dantaan uummata akka hincabne eeguun duudhaa, aadaa, falaasamaa fi hammattummaa sabichi qabu seenessuun guddummaa isaa mirkaneessuun galma fooraamichaa ta’uu Obbo Hayiluun ibsaniiru.

Gabaasa kurmaanaa 2ffaarrattis ciminoota turan itti fufsiisuun hanqinaalee mul’atan fooyyessuun haala danda’amurratti marii bal’aan taasifamuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.