Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi bara baajaataa darbeetti galii Birrii biiliyoona 25.7 argate

Finfinnee, Hagayya 6, 2012 (FBC) – Dhaabbaanni tajaajila Geejjibaa fi Loojastiiksii Galaana Ityoophiyaa bara baajaataa darbeetti galii Birrii biiliyoona 25.7 argachuu beeksise.
 
Dhaabbatichi bara 2012 xaa’oo biyyoo fi qamadii geejjibuun galii olaanaa argachuu isa Hojii raawwachiisaa olaanaan dhaabbatichaa obbo Roobaa Magarsaa dubbataniiru.
 
Dhaabbaanni tajaajila Geejjibaa fi Loojastiiksii Galaana Ityoophiyaa bara hojii darbeetti dooniiwwan 46 bobbaasuun Qamadii daabboo fi xaa’oo biyyoo kuntaa miiliyoona 24 ol imalchiisuu obbo Roobaan himaniiru.
 
Bara 2012 keessa geejjibaa galaanaa, buufata gogaa, geejjiba lafarraa fi opporeeshiinii maltiimoodaaliin tajaajila fe’umsaa alaa galchii fi al ergii toonii miiliyoona 11 keessummeessuu danda’eera jedhame.
 
Kunis isa bara darbee keessummeeffame toonii miiliyoona 7 caalmaa qaba jedhame.
 
Tajaajilli bara baajatichaa kan bara darbeerra % 37 caalmaa qabaachuu ibsameera.
 
Doonoonni dhaabbatichaa bara kana yeroo jalqabaaf toonii miiliyoona 1 ol imalchiisuu danda’aniiru jedhame.
 
Dhaabbatichi waliigala tajaajila laaterraa galii biiliyoona 25.7 argachuu isaa ragaan dhaabbicharraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.