Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi  Ityoophiyaatti galmeessa seera qabeessa akka taasisuuf deeggarsi barbaachisu ni taasifamaaf- Ambaasaaddar Reedwaan Huseen

Finfinnee, Amajjii 13 , 2014 (FBC) – Dhaabbanni Paabilik Dippiloomaasii Ityoophiyaa Ityoophiyaatti galmeessa seera qabeessa akka taasisuuf deeggarsi barbaachisu kan taasifamuuf ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar  Reedwaan Huseen ibsan.

Ambaasaaddar Reedwaan miseensota boordii dhaabbatichaa waajjira isaaniitti simachuun haasofsiisaniiru.

Miseensonni dhaabbatichaa ijaarsa hidha haaromsa guddichaa fi guutiinsa bishaanii ilaalchisee miidiyaalee afaan Arabaan odeeffannoo tamsasaniif odeeffannoo barbaachisaa dhiyeessuun qooda addaa ba’achuu ibsameera.

Dhaabbatichi faayidaa Ityoophiyaa kabachiisuun keessumaa biyyoota yaa’a gadiirratti dhiibbaa osoo hin qaqqabsiisiin mirga bishaan ishee fayyadamuu akka qabdu afaan Arabaatiin odeeffannoo dabarsaa turaniif dinqisiifataniiru.

Sosochii miidiyaan gaggeessan daran cimsuun hojii mootummaan hariiroo uummattoota cimsuuf hojjetu gama paabilik dippiloomaasiin akka deeggaran gaafataniiru.

Sosochii taasisan gara jaarmiyaatti jijjiiruuf adeemsa adeeman dinqisiifachuun Ityoophiyaatti galmeessa seera qabeessa taasisuu akka danda’an deeggarsi barbaachisaan kan taasifamuuf ta’uu Ambaasaaddar Reedwaan mirkaneessaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.