Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbiileen fayyaa dhuunfaa daballii gatii tajaajila fayyaa taasisuurraa of qusachuu qabu jedhame

Finfinnee, Caamsaa 28, 2015 (FBC)- Dhaabbiileen fayyaa dhuunfaa qaala’insa jireenyaa sababeefgfachuun tajaajila fayyaa irratti daballii gatii taasisuuu irraa of qusachuu akka qaban Waajjirri Eegumsa Fayyaa Godina Jimmaa hubachise.

Abbootii qabeenyaa dhaabbilee fayyaa dhunfaa Godina Jimmaa waliin mariin gaggeeffameera.

Maricharratti Itti Gaafatamaan Waajira Eegumsa Fayyaa Godina Jimmaa Obbo Fu’aad Saabiit, qaala’iinsa jireenyaa sababa gochuun dhaabbiilee fayyaa dhunfaa yeroo yeroon daballii gatii taasisan jiraachuu dubbatan.

Dhaabbiileen kunneen, ilaalcha faayidaa dhuunfaa keessaa bahanii meeshaalee fi ogeessoota gahumsa qabaniin hawaasaaf tajaajila kennuu akka qaban gaafatamiiru.

Dhaabbilee fayyaa sababa tokko malee daballii gatii taasisan irrattis tarkaanfii akka fudhatamuu Obbo Fu’ad himaniiru.

Dursaan Garee Qulqulina Tajaajila Fayyaa fi Fayyaan Walqabatanii Obbo Sa’iid Kamaal gama isaaniin, hordooffii fi to’annoo taasifameen dhaabbileen fayyaa qoricha isaaniif hineeyyamamne qabatanii argamaa jiraachuu eeraniiru.

Kanaan walqabatees dhaabbiilee fayyaa dhuunfaa 4’f akeekkachisni kennamu himaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.