Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee faalama naannawaa geessisan kuma 1 fi 720’rratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Ebla 10, 2016 (FBC)- Dhaabbilee faalama naannawaa geessisan kuma 1 fi 720’rratti tarkaanfiin fudhatamuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannawaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Hojii Gaggeessaan Olaanaan Abbaa Taayitichaa Obbo Didhaa Dirribaan, abbaan taayitichaa baatiiwwan 9’n darbanitti dhaabbilee kuma 7 fi 598 irratti hordoffii taasisuu dubbataniiru.

To’annoo fi hordoffii eegumsa naannawa taasifameen dhaabbilee faalama naannawaa geessisan kuma 1 fi 720 irratti tarkaanfiin fudhatamuu mirkaneessaniiru.

Kanneen keessaa dhaabbilee kuma 1 fi 661’f akeekkachiisa, dhabbilee 59 ammoo samsamuu dubbataniiru.

Abbaan taayitichaa dhiibbaa faalama naannawaa to’achuuf ergama kennameefiin dhaabbileen seerota kaa’amaniin akka hojjetan to’annoo fi hordoffiin eegalame cimee kan itti fufu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.