Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen alaa kayyoo hundeeffamaniin alaatti socho’aa turan dhorkaman

Finfinnee, Adooleessa 28, 2013 (FBC)- Dhaabbileen alaa 3 kayyoo hundeeffamaniin alaatti socho’aa turan baatiiwwan sadiif dhorkamuu Eejansiin Dhaabbilee Hawaasa Siviilii beeksise.

Dhaabbileen biyya alaa dhorkaman kunneen 1ffaa MSF HOLLAND 2ffaa NORWEGIAN REFUGEE COUNCIL 3ffaa ammoo AL MAKTOUME FOUNDETION jedhamanidha.

Dhaabbileen kunneen Eejansii dhaabbilee waldaa fedaralaatin eeyyamni laatameefin seeraan hojiiwwan namooma adda addaarratti bobba’aanii hojjechaa turuun beekameera.

Sochiin dhaabbilee kanneenii ilaalchise eejansii dhaabbilee hawaasa siiviilii eeyyamaa laataniin hordoffii taasifameen dhaabbileen kunneen kayyoo hundeeffamaniin alatti socho’aa turaniiru.

Qorannoo waliigala taasifamee murtoon dhumaa hanga laatamuutti bu’uura labsii lakkoofsa 1113/2011 muraa 77(4) sochiin dhaabbilee kunniin baatiiwwan sadiif dhorkamuu ragaan qulqulleessaa raaga labsii yeroo aarifachiisaarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.