Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen fayyaa tajaajila si’ataa ummataaf kennuu qabu jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2015 (FBC)- Fedhii tajaajilaa faayyaa ummataa guutuuf dhaabbileen fayyaa tajaajila si’ataa fi dhaqqabamaa kennuu akka qaban Afyaa’iin caffee oromiyaa Aadde sa’aadaa Abdurramaan ibsan.

Jilli Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaaniin durfamu Magaalaa Shaashamanneetti dhaabbilee fayyaa daawwateera.

Caffeen Oromiyaa hordoffiifi to’annoo gaggeessaa tureen, dhaabbilee fayyaa keessatti hanqinaalee meeshaalee yaalaa, dhiyeessii qorichaa fi kenna tajaajila yaala fayyaarratti komiiwwan gama hawaasaan ka’aa tureef furuuf duubdeebi kennamaa ture hojiirraa ooluu mirkaneeffachuuf akka ta’e ibsaniiru.

Hawaasaaf yaalaa fayyaa qulqullinaan, ariitiifi aantummaan tajaajila kennuun dirqama ta’uu hubachiisaniiru.

Kanaaf, dhaabbileefi ogeeyyiin fayyaa miira tajaajiltummaan hawaasa isaanii tajaajiluu akka qaban dhaamuu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Muuxannoowwan dhiyeessii qoricha, teknoolojiiwwan fayyadamuu cimsuun, hanqina meeshaalee fi ogeessaa guutuun ammoo xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.