Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen garaagaraa uummata Booranaaf marga beelladaa beelii kuma 12 ol deeggarsa taasisan

Finfinnee, Hagayya 25, 2014(FBC)- Dhaabbileen garaagaraa uummata Booranaaf marga beelladaa beelii kuma 12fi 572 deeggarsa taasisan.

Dhaabbileen miti-mootummaa “Gayo Pastoralist Development Initiative” fi ‘HEKS’ jedhaman waliin ta’uun deeggarsa ‘USAID’ irraa argataniin aanaalee Godina Booranaa Yaa’abal’oo, Dubuluqiifi Mooyyaleef deeggarsa nyaata beeyladaa taasisaniiru.

Hogganaan dhaabbata ‘Gayo Pastoralist Development Initiative’ damee Booranaa obbo Jaldeessa Waaqoo, deeggarsi taasifame marga beelladaa beelii kuma 12 fi 572 akkasumas nyaata beelladaa qindaa’aa kuntaala 539 ta’uu ibsaniiru.

Deeggarsicha hawaasa horsiisee bulaa harka qalleeyyii ta’aniifi dubartoota maatii bulchan, loon xiqqoon harkatti hafan dandamachiisuuf taasisuu kaasaniiru.

Deeggarsichi  abbootii warraa 700f kan taasifame yoo ta’u, loon kuma 1 fi 796 dandamachiisuuf kan oluu tahuu himuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.