Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Idil addunyaa saamicha ABUT saaxiluun Dippiloomaasii Ityoophiyaaf karra saaqa jedhame

Finfinnee, Hagayya 25, 2014 (FBC) – Dhaabbileen Idil addunyaa saamicha ABUT saaxiluun Dippiloomaasii Ityoophiyaaf karra kan saaqu ta’uu namoonni Siyaasaa ibsan.
Namoonni Siyaasaa Faanaa Biroodkaastingi Korporeet waliin turtii taasiisan, gochichi ABUT hagam garaa jabeessa akka ta’e kan mul’isu ta’uu himaniiru.
Saamichi gareen ABUT raawwate Dippiloomaasii Ityoophiyaaf karra kan banu ta’uu miseensonni Paartilee Siyaasaa garaagaraa kunneen ibsaniiru.
Gochichi kaayyoon garicha farra uummataa ta’uu agarsiisa jedhan.
Hawaasni idil addunyaa gochicha balaaleffachuurra darbee garicharratti tarkaanfii cimaan akka fudhatamu Hojii Dippiloomaasii hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
ABUT Man Kuusaa Sagantaa Nyaataa Idil Addunyaa Maqaleetti argamu keessaa Boba’aa Liitira kuma dhibba 5 fi kuma 70 saamuun kan yaadatamuudha.
Dhaabbileen Idil Addunyaa garaagaraas saamicha garichi raawwate balaaleffachaa turaniiru.
Mahaammad Aliitu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.