Fana: At a Speed of Life!

Dhiiga osoo wal hin dibin Ityoophiyaa ijaarun ni barbaachisa jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Muddee 11, 2012 (FBC) – Dhiiga osoo wal hin dibin Ityoophiyaa ijaarun ni barbaachisa jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy koonfaransii nageenyaa abbootiin qabeenyaa Oromoo fi Amaaraa Galma Barkumeetti qopheessanirratti kaleessa galgala argamuun ergaa dabarsaniiru.

Waltajjiin akkanaa akka qophaa’u namoota tumsa taasisan, abbootii Gadaa, jaarsolii biyyaa, hayyootaa fi abbootii qabeenyaas galateeffataniiru.

Qeerroo fi faannoo, qilleensi nageenyaa namoonni yaada isaanii bilisaan ittiin ibsatan akka dhufu taasisan galateeffataniiru.

Ummanni Oromoo fi Amaaraa lakkoofsanis hedduu ta’uu ibsanii, waltumsaan yoo hojjetan jijjiirrama fiduu akka danda’an, garaagarteen isaanii bu’aa akka hin qabaatin eeran.

Garaagartee waliif kabajuun, waliin hojjechuun ni barbaachisas jedhan.

Dhaabbileen barnootaa iddoo nagayaa fi beekumsi itti horatamu qofa akka ta’u mootummaan hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Waldhabbiin dhiiga dhangalaasisu eenyufuu bu’aa kan hin qabaanne ta’uu kan ibsan muummee ministiraa, waljaalalaa fi walkabajaan biyya ijaaruuf yaa kaanun dhaamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.