Fana: At a Speed of Life!

Dhimma Hidha Haaromsaa gara siyaasaa idil addunyaatti fiduun qaama kamiifuu bu’aa hin fidu – Obbo Dammaqaa

Finfinnee, Eebila 8, 2013 (FBC) – Dhimma Hidha Haaromsaa gara siyaasaa idil addunyaatti fiduun qaama kamiifuu bu’aa barbaaddamu kan hin qabne ta’uu Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkoon dubbatan.
Dhimma hidha haaromsaa mariisisummaa Gamtaa Afrikaan xummuruun biyyoota hundaaf faayidaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Dhimmicha gara siyaasaa idil addunyaatti fiduu caalaa waliin mari’achuutu bu’aa qaba jedhan.
Dhimmicha gara siyaasaa idil addunyaatti fiduuf tattaafachuun Ityoophiyaarratti dhiibbaa uumuuf yaaddameeti jedhaniiru.
Adeemsa yeroo ammaa Sudaanii fi Gibtsi adeemaa jiran haqa qabeessa waan hin taaneef Ityoophiyaan goonkuma kan hin fudhanne ta’uu dubbataniiru.
Biyyoonni lamaan Yaa’a laga Abbaayyaarratti waliigaltee haqa qabeessa hin taanee Ityoophiyaan akka fudhattuu yaalii taasiiu jedhan.
Dhimma marii sadee hidha haaromsaa ilaalchisee haala waqtaawaa irratti Waltajjiin marii Landanitti Imbaasii Ityoophiyaa fi Ministeera Dhimma Alaa FDRI qophaa’e Intarneetiin gaggeeffameera.
Maricharratti Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkonniin dabalatee Ambaasaaddaroonni, Dippiloomaatoonni Awurooppatti Ityoophiyaa bakka bu’an, marii sadee gaggeeffamaa tureerratti qaamoleen Ityoophiyaa bakka bu’anii fi michuuwwani Ityoophiyaa 200 ol ta’an hirmaachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.