Fana: At a Speed of Life!

Dhimma Hidha Haaromsaarratti yaadni faayidaa biyyaalessaa Ityoophiyaa tuqu marii kamiifuu hin dhiyaatu jedhame

Finfinnee Amajjii 8, 2012 (FBC) – Ministiroonni Bishaanii,Jallisii fi Iinarjii Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts dhimma Hidha Haaroomsaa irratti guyyoota lamaaf mariin dhumaa Ameerikaatti taasisaa turan bu’aa qabeessa ta’uun ibsame.

Bu’aa marii fi ejjennoo Ityoophiyaa ilaalchisee ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachawii fi ministirri Bishaan, Jallisii fi Iinarjii FDRI Dooktar Injiinar Silaashii Baqqalaan guyyaa kaleessaa Ameerikaatti Imbaasii Ityoophiyaa Waashingitanitti argamutti ibsa laataniiru.

Dhimma Hidha Haaromsaarratti qabxiin faayidaa biyyaaleessaa Ityoophiyaa tuqu mariif hin dhiyaanne, gara fulduraattis hin dhiyaatu jedhan ibsa isaanitiin.

Hidha Haaroomsaa ilaalchisee waliigaaltee fi mariin kana booda taasifamu mirga Ityoophiyaan hidhaalee biroo ijaaruuf qabdu kan hin tuqne jedhan.

Kana dura mariin akka harkifatuuf akka sababaatti wanti ka’aa ture haala guutinsa bishaanii biyyoota yaa’a gadii waliin haalli walqabataa ture marii kanaan furamuu danda’eera jedhaniiru.

Ijaarsi Hidha Haaroomsaa yeroo ammaa bifa gaariin itti fufuu isaa fi hojiin isaa ariitiin akka xumuramuuf gama mootummaatin murannoo olaanaan jiraachuu dubbataniiru.

Ijaarsi isaa yeroo xumuramettis humna maddisiisuu qofa osoo hin taane hawwata tuuriizimii fi horsiisa qurxummiiif kan oolu ta’uus ibsaniiru.

Mariin teeknikaa fi dhimmi seera waliin wal qabatu ogeeyyii damichaan muuxxannoo olaanaa fi quuqqama biyyaa qabaniin gaggeeffamaa akka jirus dubbataniiru.

Ijaarsi hidhichaa yeroo xumurametti maqaa gaarii biyyattii kan ijaaru, dhageettii fi beekamtii ishee sadarkaa olaanaan kan dabaludha jedhan.

Ityoophiyaan ejjennoo sirrii qabattee hanga jirtutti dhiibbaan mariin irra ga’u tokko illee akka hin jirre ibsaniiru.

Xumura bara kanaa hojiin bishaan guutuu kan eegalamu yoo ta’u, waggaa 4 hanga 7tti guuttamee ni xumurama jedhaniiru.

Mariin taasiifamaa jirus faayidaa Ityoophaa dabarsanii laachuuf osoo hin taane, lagni Abbayyaa daangaa ce’aa waan ta’eef biyyoota yaa’a gadii waliin walitti hidhamiinsaan guddachuuf ejjennoo biyyattiin qabdu irraa kan ka’edha jedhan.

Hidha haaromsaa ilaalchisee miidiyaaleen, xiinxaltoonni, aktiiviistonni, barreessitoonnii fi kanneen biroo odeeffannoo, gabaasaa fi ragaa qabatamaa irratti hundaa’uun hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa hidhicha ilaalchisee shakkii keessa akka hin galle ragaa sirrii akka argataniif haqa jiru irratti hundaa’anii hubannoo barbaachisu laachuu akka qaban qaamolee kanneeniif waamicha dhiyeessaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.