Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessii fi Raabsa shaqaxaalee bu’uuraa fooyyeessuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Hagayya 6, 2014 (FBC) – Ayyaanoota bara haaraaf dhiyeessii fi raabsa shaqaxaalee bu’uuraa fooyyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksiise.

Ministeerichi haala ayyaanoota bara haaraa 2015f Dhiyeessii fi Raabsa shaqaxaalee bu’uuraa fooyyeessuun danda’amurratti hoggantoota Biiroolee naannolee fi bulchiinsa magaalootaa waliin mari’ateera.

Marichaan hanqinaalee fi ciminoota dhiyeessii fi Raabsa shaqaxaalee bu’uuraa irratti baatiwwaan darban mul’atan gamaaggamuun kallattiin hojii yeroo itti aanuu kaa’ameera.

Raabsaa fi dhiyeessa shaqaxaalee bu’uuraarratti hanqinni akka hin muddanne qooda fudhattoota waliin xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabramasqal Caalaan ibsaniiru.

Hojiileen hawaasa fayyadamoo taasiisan xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qaban hubachiisaniiru.

Waldaaleen Hojii Gamtaa dhiyeessitootaa fi Raabsitoota humna qaban waliin ta’uun oomishaalee kanneen akka Zayitaa, Sukkaaraa, Killee, Xaafii, Dhadhaa fi kan biroo haala ga’aa ta’een akka hawaasaaf dhiyeessaan waliigalteerra ga’amuu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.