Fana: At a Speed of Life!

DhMG dhiibbaa dubartootaa hir’isuuf mootummaa Ityoophiyaa waliin hojjechaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Bitootessa 7, 2015 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dhiibbaa dubartootaa hir’isuuf mootummaa Ityoophiyaa waliin hojjechaa jiraachuu ibseera.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti deeggarsi Fandii Ummataa haleellaa dubartootaa fi dubartoota sirna walhormaataaf saaxilamoo ta’an hir’isuuf mootummaa Ityoophiyaa waliin hojjechaa jiraachuu eereera.

Dhaabbatichi Ityoophiyaatti waggaa 50ffaa isaa kabajeera.

Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Aadde Samariitaa Sawaasaw Afrikaa Bahaa fi Kibbaatti daayrektara dhaabbatichaa Lidiyaa Ziigomoo waliin mari’ataniiru.

Aadde Samariitaan hojiilee dhaabbatichi Ityoophiyaatti hojjetaa jiru galateeffachuun, yeroo itti aanus mootummaan tumsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti deeggarsi Fandii Ummataa dhiibbaa dubartootaa ittisuuf hojiilee jajjabeessaa hojjechuu Afrikaa Bahaa fi Kibbaatti daayrektara dhaabbatichaa Lidiyaa Ziigomoon dubbataniiru.

Taarikuu Waldasanbatitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.