Fana: At a Speed of Life!

DhMG misooma qindaawaa nageenya lammiilee mirkaneessu akka hojjetu gaafatame

Finfinnee, Hagayya 19, 2014 (FBC) – Koomishinarri Koomishinii Hogganaa Sodaa Balaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Shifarraa Takilamaariyaam, Ityoophiyaatti gareen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii deeggarsa guyyuu taasisuu bira darbee, misooma nageenyaa lammiilee mirkaneessuu danda’an akka hojjetu gaafatan.

Ambaasaaddar Shifarraan, hoggantoota fi bakka bu’oota Dhaabbilee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’ataniiru.

Marichaanis Hogganaan Garee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Kaatiriin Soozii, mootummaan Ityoophiyaa fi Koomishiniin Hoggansa Soda Balaa, lammiilee biyyattii deeggarsaa hatattamaa barbaadaniif deeggarsa dhiyeessuuf hojiilee hojjetan dinqisiifataniiru.

Boba’aan hojiilee deeggarsa namoomaa Tigiraay Maqaletti hojjetamuuf kan oolu samamuu balaaleffachuun, gochichi qaanessaa ta’uu kaasaniru.

Koomishinarichis gareen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii deeggarsa taasisaa jiru dinqisiifachuun, deeggarsa guyyuu biraa darbee qindoominaan misooma nageenyaa lammiilee mirkaneessaan akka hojjetamu gaafataniiru.

Hojiilee deeggarsa namoomaa hojiile misoomaa waliin qindeessuun gaggeessuuf, adeemsa kuusaa qabeenyaa bal’isuu, karoora walsimatuu fi qabeenyaa dhiyeessuu hordofuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Kana malees, Tigiraay Maqaleetti konkolaataa boba’aa 12 saamaman karaa deebisuun danda’amurratti akka hojjetuu fi gochichas haalaan akka balaaleffamu hojiileen barbaachisoon akka hojjetaman gaafataniiru.

Deeggarsi gama hundaa Koomishinii Hoggansa Sodaa Balaa Ityoophiyaas akka biraa hinhafne himuu isaanii ragaan koomishinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.