Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa ijaarun hojii adda duree ta’uu qaba – MM Dr Abiy Ahimad

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa ijaarun hojii adda duree ta’uu qaba jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.

Muummee ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad biyyi jabduun osoo hin uumamin ummanni jabaan hin jiraatu waan ta’eef, Ityoophiyaa ijaarun hojii adda dureedha jedhaniiru.

Dooktar Abiy istaadiyamii magaalaa Duraameetti jiraattota walitti qabamaniif dhaamsa dabarsaniiru.

Muummee ministiraa haasaa isaanitiin, dhuunfaaf hawaasti, hawaasaf biyyi ni barbaachisti jedhan.

Kanaaf ammoo namni hunduu eenyummaasaa qabatee ijaarsa biyyaatif cichooman hojjechuu qaba jedhaniiru.

Ityoophiyaa abbootii fi haadholiin aarsadhaan nu dhaalchisan guddisuun imaanaa dhaloota har’aati jedhan.

Qormaanni akkamiituu nu mudatus daandin keenya ida’amuu galmi keenyas badhaadhina jedhan.

Milkaa’ina biyyaa dhugoomsuuf tumsaan yaa hojjennuunis dhaamaniiru.

Dooktar Abiy Istaadiyamii Duraameetti ummata waliin mari’ataniiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.