Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy daawwannaa Eertiraatti taasiisan xumumuran deebi’aniiru

Finfinnee, Bitootessa 17, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa hojii Eertiraatti taasiisan xumumuran har’a gara biyyaa deebi’aniiru.
Daawwannichaarratti kan hirmaatan Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay ibsa laataniin, Dooktar Abiyii fi Preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii dhimmoota waloorratti mari’achuun waliigalteerra ga’uu himaniiru.
Gareen ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaa Izzi Kaabarratti Haleellaa erga raawwate booda gara Asmaaraatti Rokkeettoota furguuggise hordofee Waraanni Eertiraa gara daangaa akka seenuu taasiifamuu ibsaniiru.
Hoggantoonni kunneen Loltoota Eertiraa daangaa Ityoophiyaa baasuun raayyaa ittisa biyyaa Ityoophiyaa bakka buusuuf waliigalteerra ga’aniiru jedhan.
Naannoo daangaatti hariiroo ummattoota biyyoota lamaanii cimsuuf waliigalaniiru.
Akkasumas biyyoota lamaan misoomaan walitti hidhuuf proojektoota misoomaa eegalaman saffisaan xummursiisuu fi proojektoota haaraas eegalchiisuuf waliigalteera ga’amuu ibsameera.
Alaazaar Taaddaleetu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.