Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Masaay Haayiluu Bakka Bu’aa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 27, 2014 (FBC) – Daayrektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasa Ityoophiyaa Dooktar Masaay Haayiluu Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Bakka Bu’aa Ityoophiyaa Boowureemaan Saamboo waliin mari’ataniiru.

Michummaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa fi Dhabbata Fayyaa Addunyaa gidduu jiru cimsuurratti mari’ataniiru.

Dooktar Masaay, dhaabbanni fayyaa addunyaa deeggarsa teekinikaa, faayinaansii fi galteewwan wal’aansaa garaagaraa Ityoophiyaaf taasisu dinqisiifataniiru.

Dooktar Bowureemaan gama isaaniin, deeggarsa hunda galeessaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Ityoophiyaaf taasisu cimsee kan itti fufuudha jedhaniiru.

Keessumaa yaaddoo hawaasaa kan ta’aan weerara vaayirasii koronaa, maariyyee jaldeessaa fi dhibeewwan walfakkaatoo biroo ittisuuf deeggarsa barbaachisu akka taasisu dubbachuu isaanii ragaan Ityoophiyaatti Dhaabbataa Fayyaa Addunyarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.