Fana: At a Speed of Life!

Dooktara Kabajaa Artiisti Alii Birraaf Amajjii 30 beekkamtiin ni laatama

Finfinnee, Amajjii 24, 2013 (FBC)- Dooktara Kabajaa Artiisti Alii Birraaf Amajjii 30 beekkamtiin akka laatamuu Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa beeksise.
Sirni beekamtii laachuu kun Amajjii 30, 2013 akka gaggeeffamu fi kitaabni seenaasaarratti barreeffame akka eebbifamu biirichi ibseera.
Hogganaan biirichaa obbo Kabbadaa Deesisaa, sagantaa sirna beekamtii kennuu kana ilaalchisuun ibsa kennaniin, Dooktarri Kabajaa Artiisti Alii Birraa walakkaa jaarraa 1 oliif biyyaafi ummatasaanii umrii dheeraaf tajaajiluun artiistii dorgomaa hin qabne waan ta’eef beekamtii fi galateeffannaan isaaf mala jedhaniiru.
Kana malees artiistiin kun gumaachi guddina aartii biyyaa keessatti taasiseen olitti sirbootasaa keessatti ergaawwan gama hundaan hubachiisuuf ga’eesaa ba’ateera jedhan.
Artiist Alii Birraan sirboota Afaan Oromootiin alattti afaanoota Somaalee, Affaar, Hararii fi Amaariffaan akkasumas afaan Sudaaniin sirbuun saboonni caalaatti akka wal baran shooraa olaanaa ba’achuu himaniiru.
Artiistiin beekamaa, jaallatamaa fi hangafaa fakkeenya guddaa ta’e kana mootummaan naannoo Oromiyaa ni galateeffata jedhameera.
Haaluma kanaan sagantaan galateeffannaa Amajjii 30, 2013tti sirnoota garagaraatin kan gaggeeffama jedhaniiru.
Sirni kun Finfinneetti bakka hoggantoonni mootummaa, namoonni bebbekamoon, hiriyoonnii fi dinqisiifattoonnisaa bakka argamanitti akka gaggeeffamu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.