Fana: At a Speed of Life!

Dooktarri Hindii Baadiyyaa Oromiyaa keessatti Riqichoota sasalphaa 75 ijaare

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC) – Dooktar Kaanaan Ambaalam Baadiyyaa Oromiyaa keessatti Riqichoota sasalphaa 75 ijaareera.

Dooktar Kaanaan Ambaalam Yuunvarsiitii Wallaggaa Muummee Paablik Administireeshinii fi Deeviloopment Maaneejimantiitti gargaaraa Proofeesaraati.

Yuunvarsiitichatti waggoottan 12’f barsiisaa tureera.

Hojii barsiisummaa isaa cinatti hawaasa baadiyyaa Godina wallaggaaf riqichoota sasalphaa ta’an ijaaruun tajaajiluurratti argama.

Waggoottan 3 darbanitti Dooktar Kaanaanii fi gareen isaa riqichoota sasalphaa 75 fi burqaawwan bishaanii 40 kunuunsaniiru.

Tajaajilli isaa kunis namoota baayyeef madda gammachuu ta’eera.

Hedduun riqichoota kanaan ce’aniiru, burqaawwan bishaanii kunuunfaman dhuganii dheebuu bahaniiru.

Dooktar Kaanaan hawaasa baadiyyaa waliin hariiroo gaarii nama qabuudha.

Guyyaa lafoo gara baadiyyaatti imaluun hawaasa waliin waan isaan nyaatan nyaachaa kan isaan dhugan dhugaa yeroo isaa isaanii waliin dabarsa.

Maddi:- Faayinaanshiyaal Eksiprees

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.