Fana: At a Speed of Life!

Dorgaadorgeen Mo’aa Mo’attootaa ‘Faanaa Laamroot’ Boruu Xumurama

Finfinnee, Amajjii 5, 2015 (FBC)- Dorgaadorgeen Mo’aa Mo’attootaa ‘Faanaa Laamroot’ boru xumurama.

Dorgomtoota 12 marsaawwan 3 injifatan, morkattoota lama haala addaatiin hirmaataan dabalatee waliigalaan dorgomtoonni 14 torbanota 10’f walmorkataa turaniiru.

Haaluma kanaan morkattoonni afur adda ba’uun guyyaa borii badhaasa Birrii miiliyoona 1’f walmorkatu.

Dassaalanyi Abbabaa, Aluulaa Gabre’amlaak, Daani’eel Addunyaa fi Yaalamwarqi Jambaruu morkii xumuraaf kan ga’aniidha.

Dorgommiin xumuraa bakka aartistoonnii gameeyyii fi keessummoonni biroon argamanitti gaggeeffamuun mo’ataan kan beekamuudha.

Kanaan duraa dorgommiiwwan lamaan mo’aa mo’attootaa ‘Faanaa Laamroota’ gaggeeffameen Maqidas Girmaa fi Ahimad Huseen (Maanjuus) mo’achuun isaanii ni yaadatama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.